Beeksisa /beeysisa/beessisWaltajjii Qormaataa-Qoraasuma Afaan Oromoo (QQAO)
Mallattoolee eenyummaa saba tokkoo mul’isan keessaa ijoon, afaani. Akka saba Oromoottis, Afaan Oromoo ti. Kun ammoo, afaan ofii barachuu fi barsiisuu qofti gahaa akka hintaane muldhisa. Waan dabe Qorachuu, qajeelchuu, seera fi sirna isaa eegnee guddisuudhaan gulantaa qarooma ammayyaa ittiin ibsuu nama dandeessisuu, afaan qorannoo fi qo’annoo taasisuu, afaan Saayinsiifi Tekinoolojii tahee guddina saffisaa addunyaan kessa jirturraan gayuun dirqama hunda keenyaati. Kana milkeessuufis, qaama dirqama kana fudhatee raawwachiisu qabaachuu barbaachisa. Haa tahu ammoo, hanga ammaatti, Afaan Oromoo, qaama akkasitti itti-gaafatamummaa fudhatee dhimmi afaan guddaa saba baldhaa qabuu kun hojii-kooti jedhee hojjatu horachuu hin dandeenye. Afaan keenya afaan sabni baldhaan dubbatu malee, qaama dhimmasaa hojii kiyya jedhee hojjatu waan hin qabneef afaan abbaa hin qabne tahee hafe. Kanaafuu, nu hayyoonni Oromoo hammi tokko, walgeennee yeroo adda addaatti rakkoolee kanniin irratti marihachaa kan turree fi yeroo ammaa Waltajjii Qormaataa-Qoraasuma Afaan Oromoo (QQAO) jenneen hundeeffanne. Marii fi qorannoo adda addaa waggaa tokko booda xurree ittiin isin bira geenyu tanas tolfannee dhufneerra. Afaan bal’aa, Oromiyaa bal’oo fi biyyoota Baha Afrikaa fi biyyoota alaa dabalatee hawaasni keenya keessa jiran keessatti miliyoonoonni hedduun ittiin walqunnaman tahee tajaajilaa kan jiru Afaan Oromoo, yeroo ammaa, gara tekinoolojiitiinis dhaabbilee gurguddoo Idil-Addnuyaa tokko tokkoofiyyuu afaan hojii tahee tajaajila kennuu eegaleera; kanaafuu, gulantaa isaaf malu argachuu qaba jennee amanna. Kanaafis, nutis akka garee keenyatti gahee nurraa eegamu bahachuu qabna jennee waan amanneef, tattaaffii garasitti nu geessitu eegaluu keenna yoo isin beeksifnu gammachuu guddaadhaani.Hojii guddoo tana numa qofa tu fiixa baasa osoo hin taane, akkuma kanaan dura baratame hirmaannaa hayyoota keennaa, akkasumas akka walootti tan hawaasa baldhaa barbaanna; shakkii malee akka himaattanis abdanna. Beekkoomsaan, qabeenyaa fi yaadaan nu cinaa dhaabbachuudhaan kanneen fedhii qabniif balbalti teenna banaa akka tahe hubadhaatii yeroo kamuu nu dubbisaa jenna. Sagantaa kanas torbanitti yeroo tokko guyyaa Dilbataa isiniif dabrsina.HORAA!BULAA! WAYYOOMAA!Shanacha Qormaataa-Qoraasuma Afaan Oromoo (QQAO).